1 Kings 13:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi Yeroboamu jed'ani kaani dubbi tana d'agaye jennaani raaga kaaniti quba qabe waan jed'e, Namicha kana qaba! Jennaani hojuma suni hayyicha harki kokotae gach'absachu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi waan namni Rabbii hulee ciinca'aa bira dhaabatee dubbate haga dhagaye, harka ufii hulee ciinca'aatii ol qabee nama hulee ciinca'aatii iyyu san qabaa'a jedhe; harki isaa ka inni gara raatticha dubbata'aaruu hiixate waan gogee hafeef harka san ufitti deebisuu dadhabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yerobi'aam waan nami Waaqaa sun, addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa mormee, qoonqoo guddo'oon dubbate yennaa dhage'e, addee ciinca'aa san irraa, harka ifii nama Waaqaa sanitti diriirsee, «Namicha kana qaba'a!» jedhe. Harki mootichaa ka inni itti diriirse sun ammoo, sooree waan gogeef, duubatti deebifatuu hin dandeenne.