1 Kings 13:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba hayyichi waan raaga sunini jed'e, AABBO Waaqa kanke yaamad'u, aka inni harka kiyya na fayyisu na kad'ad'u! Duuba raagi AABBO Waaqa kad'ateefi, inni harka hayyu fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi nama Rabbiitiin, «Akka harki kiyya ka goge naa fayyu Rabbii Waaqa kee naa kadhu» jedheen; namni Rabbii sun Rabbiin kadhannaan harki mootichaa fayyee akkuma duraanii ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yerobi'aam nama Waaqaa saniin, «Maganne'e, harki kiyya fayyee, addee duriititti akka naa deebi'u, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti naaf daadimadhu!» jedhee kadhate. Maarre nami Waaqaa sun Mootii Waan Maraa daadimate; harki mootichaalle fayyee, akka dur jirutti deebi'e.