1 Kings 14:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi worra Israeli d'ae worri aka ilaadu galaana keesati baatu daaqa. Inni worra lafa dansa ababoota isaaniti kenne tana keesaa fuud'e galaana Efrati gama suniti firfirsa, waan worri akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani mid'aafate isa dallansiisefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Rabbi Israa'eliin hin adaba; isaan akka dhallaadduu bisaan keessa sosocho'uutitti hollatan; waan fakii Asheeraa jedhamu ta dubarti'ii hojjatanii waaqeffatanii isa aarsaniif biyya michuu abboota isaaniitii kenne irraa isaan buqqisee akka laga Efraaxisiitiin gamatti bittinnaayan isaan taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu hujanee, Mootii Waan Maraa waan aarsaneef, inni isaan adabee akka shonbooqqoo bisaan keessaa isaan hin raasa; lafa dansaa abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessalle'ee isaan ari'ee, laga Efraaxiisiitiin gamatti isaan hin bittinneessa.