1 Kings 14:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmi Solomoni, ka Rehoboamu jed'ani, gaafa hayyu Yuda tahe ganni isaa afurtami toko, duuba ganna kud'ani torba dira Yerusalemu, ka AABBO Waaqi lafa Israeli ch'ufa keesa fohate, Armati na kad'ad'a jed'e keesa, lafa mohate. Haati Rehoboamu Naama, ta gosa Amoni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi Solomoonii Roobi'aam biyya Yihuuda'aa irratti mooye; inni hennaa moowu dargaggeessa woggaa afurtamii tokkooti. Inni Yerusaalemii qachattii Rabbi biyya Israa'elii maraa keessaa filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; haati Roobi'aamii intala gosa Amoonii ta Naa'imaa jedhamtu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Solomoonii Rehobiyaam biyya Yihuda'aatitti mootii yennaa te'e, nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni qachaa Yerusaalemii ka Mootiin Waan Maraa maqaan isaa akka itti waamamuuf, qachoota gosa Israa'elii mara keessaa filate keessa tee'ee, woggaa kudha torba bulche; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti.