1 Kings 14:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Ahiyaani isi mana olseentu d'agaye jennaani waan jed'eeni, Olseeni, niiti Yeroboamu, nama d'ibi ufi intolchini, anini odu hamtu siti himu qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akiyaan hennaa isiin mana seentu hirpha luka isi'ii dhagayee «ol seeni! maaf nama biraa fakkaattee dhufte? haadha manaa Iyyoorbi'aamii ta'uu kee si beekaa waan badaa sitti himutu jiraa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagichi Ahiiyaan ammoo, ijjata isi'ii balbala irratti yennaa dhage'e, «Haadha manaa Yerobi'aamii, ol seen! Ati maaf nama dhibii ifi fakkeessita? Ani oduu badduu sitti himiisaaf ergameera.