1 Kings 15:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kooti, aka abbooti teenna, goli woltaana. Ammalle qarsifi worqi ani si ergu tana naraa fud'ad'i. Amma tana wold'aqisa siifi Baashani hayyuuni Israeli woliini qabdani ch'absi, aka inni askarti isaa lafa tiyya keesaa baasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Anaa fi si jiddu'utti, abbeetii fi abbaa kiyya jiddu'utti waadaan dhaabateera; ani birri'ii fi worqii eebba maraa sii ergeeraa akka mootiin Israa'elii Ba'oos na irraa fagaatu isa bira dhaqii waadaa isa woliin qabdu diigi» jedhee dhaamsa itti erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akkuma abbaan kiyyaa fi abbaan keeti wolii galtee godhatane, anii fi atille wolii galtee godhannuu ti. Kunoo ani kennansa meeti'iitii fi worqi'ii si'iif ergeera; amma mootichi Israa'elii Baa'ishaan, akka na irraa deebi'u, wolii galtee isa woliin godhatte san diigi» jedhe.