1 Kings 15:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi Asani qoonqo lafa Yuda ch'ufati erge, aka nami ch'ufti haguma gahunu, ka tokoleeni inhamne d'ufe, d'akhaafi mukha Baashani dira Ramatini jaare, guure gara d'ibi geesu. Miha sunini Asani Mispafi Geba, ka diri kuni lachu lafa Benjamini keesa jiru jabeese jaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Aasaan biyya Yihuuda'aa maratti labsii labse; biyyi Yihuuda'aa hennaa san nagaya hin qaban, dhaga'aa fi muka Ba'oos Raamaa ittiin ijaare fudhatanii mootichi Aasaan qachaa Biiniyaamii Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Aasaan, namoota biyya Yihuda'aa maratti lassii dabarse; isaan keessaa nami tokkolle adoo hin hafin dhufanee, dhaka'aa fi muka mootichi Baa'ishaan qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsisaa ture san fuudhanee deemane. Mootichi Aasaan dhaka'aa fi muka saniin, lafa Beniyaamin keessatti qachaa Geba'aatii fi Miispha'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsise.