1 Kings 16:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna diddami torbeeso ka Asani lafa Yuda mohate, Zimirini bulti torba Tirsa keesa gosa Israeli mohate. Askartini Israeli dira Gibethoni, ka lafa Filisti, had'u jirti;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aasaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Zamiri biyya Israa'elii irratti mooye; Teersaa keessa jiraata'aa Israa'eliin irratti guyyaa torbaa bulche; hennaa san loltoonni Israa'elii qachaa Gabaatoonii ta Filisxeemiin keessatti argamtu marsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee, guyyaa torba callaa bulche; yennaa san loltooti Israa'elii, qachaa worra Filisxeemotaa, Giibetoon marsitee achi qubatteerti.