1 Kings 16:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara inni lafa fide suni Hielini, ka worra Betheli, dira Yeriko maro lameeso jaare. Akuma AABBO Waaqi Yoshua ilma Nuniti hime kaani Hieli ilma isaa ka angafa ka Abiramu jed'ani, gaafa inni dira Yeriko suni yayabe iraa due, ammalle inni gaafuma fullo dira suni jaare ilma isaa maand'icha ka Segebu jed'ani d'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara Aki'aab bulchu namni Beeteelii Aki'eel Iyyaarikoo ijaare; akkuma Rabbi ilma Nawwe'ee Iyyaasu'utti dubbate ilmi isaa ka hangafaa Abiiraan isa jalaa du'e; hennaa balbala dallawa Iyyaariko'oo ijaaru ilmi isaa ka maandha'aa Saguubillee du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Ahaabii keessa, nami qachaa Bet'elii Hii'el qachaa Yeriko'oo deebisee ijaare. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Iyaasuu ilma Nuniitiin dubbate, guyyaa Hii'el hundee qachaa Yeriko'oo dhaabe, ilmi angafichi isaa Abiiram du'e; guyyaa inni karra qachaa sanii baase, ilmi isaa maandhich Seguub du'e.