1 Kings 16:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'aamsa AABBO Waaqi Baashafi worra isaati d'aame raaga Yehu jed'aniniti d'ufeeni, wonti inni dubbi suni d'aamefi maro ch'ubbu Baashani isa durati tolcheefi. Inni ch'ubbu tolche, ammo worra Yeroboamule ch'ufa fit'e akasiini Waaqa dallansiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi karaa raatticha Iyyu'uutiin Ba'oosii fi maatii isaa irratti wonti dubbii raagaa kana himeef waan Ba'oos cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiiseef, wonti Ba'oos Rabbiin aarseen, waan cubbuu mootonni isaan dura turan hojjatan hojjate calla'aaf uduu hin taane waan maatii Iyyoorbi'aamii maraa ajjeeseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Baa'ishaan, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, akkuma maatii Yerobi'aamii waan hantuu huje saniin Mootii Waan Maraa aarsee, maatii Yerobi'aamiille ijjeesee waan fixeef, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagicha Yehuu ilma Haannaaniitiin isaa fi maatii isaa irratti dhufe.