1 Kings 16:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojattuuni isaa toko, ka Zimiri jed'ani, ka gaarilee fardi hirkisu haga toko inni iti mata, isati malate. Guyya toko ka Elani Tirsa keesa mana Arsa, ka hojattu mana hayyuti mata, seene farso d'uge machae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni Zamiri jedhamu ka worra gaarii fardaa oofan bulchu ajajaan loltootaa mootichatti ka'e gaaf tokko Eelaan qachaa Teersa'aa keessatti mana Ba'oosaa bulchaa mana mooti'iititti waan nama macheessu guddisee dhugee machaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltota isaa keessaa tokko ka, «Ziimri» jedhamu, ajajaan gamisa garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu, isa irratti mala dhowe. Yennaa san mootichi Elaan qachaa Tiirza'aa keessatti, mana Aarza'aa ka itti gaafatamaa mana mootumma'aa keessatti unee machoweeraayyu.