1 Kings 17:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Raagi Eliya jed'ani toko, ka worri isaa Tishi lafa Gileadi keesa, waan hayyu Ahabuni jed'e, Anini maqa AABBO Waaqa Israeli, ka anini hojad'uni siti kakhad'a, aka bokaya lakisi, eebeleleni haga ganna lamafi sadi deebite inch'och'oomne, haga anini ha roobu jed'uuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattichi Teesbii Gala'aadii keessa jiraatu ka Eeliyaas jedhamu Aki'aabiin, «Rabbii Waaqa Israa'elii jiraataa ka ani afoo isaa dhaabadheen kakadhee yoo ani dubbadhe malee woggoota kanniin keessa hin roobu, hin kishishulle'e» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eliyaas ka biyya Giil'aadii keessa Tishibee keessa le'u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa'elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe.