1 Kings 17:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jetteeni, Anini maqa AABBO Waaqa kanketitini kakhad'a, anini qit'a tokole inqabu. Wonti anini qabu dargaye diqo toko ta qori ke jirtufi d'ad'a diqa toko ka killa ke jiru. Anini qoraani ch'absachu arma d'ufe, aka duuba deebie waan diqo qabu suni d'aabad'e ilma kiyya woliini nyaanne, wolumaani doonu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee akkana jettee isaa deebifte, «Ani Rabbii Waaqa keetiin kakadhee bixilee woyiituu hin qabu; daakuu ganaa takkaa ta qalqala keessa jirtuu fi sayitii ottee diqqoo keessa jirtu malee ani womaa hin qabu ani wonti as dhufteef qoraan diqqoo guuradhee gara manaa deebi'ee daakuu diqqoo qabu tana ufii fi mucaa kiyyaaf godhadhee nyaachu'uuf; kun nyaata keenna ka dhumaati; achiin maayessa du'uu hin oollu» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin deebittee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraata'aa, ani bullaa ooboo tokko ta okkotee keessa jirtuu fi zayitii ejersaa cingoo okkotee keessa jirtu malee, daabboo ijjumaa hin qabu. Ani haasumee qocadhee gara mana kiyyaa deebi'ee, ifii fi mucaa kiyyaaf sagalee bilcheessiisaaf as dhufe; achiin duuba beelaan duuna» jetteen.