1 Kings 18:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja akuma anini deemeni lubbuuni AABBO Waaqa arma si fuute fulla nami imbeenne si geesite, anini maani taha? Duuba hojja anini Ahabuti hime arti si d'abani, Inni na ijeesa. Atini imbeeta anini haguma d'alad'e AABBO Waaqa sodaad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo ani diqqoo si biraa siiqe Hafuurri Rabbii fuudhee gara hulee ani hin beennee si fida; ani dhaqee akka ati as jirtu yoo isatti hime inni yoo dhufee asii si dhabe na ajjeesa; ani garbichi kee ijoollummaa kiyya irraa jalqabee guddisee Rabbiin sodaadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yennaa si biraa deemu, ayyaanni Mootii Waan Maraa eessa akka si geessu waan hin beenneef, ani dhaqee isatti himee, inni yoo si dhagguu dhabe, na hin ijjeesa; ani tajaajilaan keeti ijoollummaa tiyyaan jalqabee Mootii Waan Maraa hin sodaadha.