1 Kings 18:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri korma kennanifi kaani fuud'e qale, haga aduuni guyya gudda geetuti asi Baali iti kad'ate, waan jed'e, Ee Baali, nu ch'aqasi, ammalle worri d'aatu waan sorio irati baasani ka worri jaare suni, mare, olch'ech'eani sirbani, ammo nami owaate dubbi worra jala qabe tokoleeni injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan mirgoo qalanii qopheessanii ganamaa haga guyya'aa Ba'aal nuu dhagayi» jedha'aa maqaa Ba'aalii waaman; hulee ciinca'aa irra naannaya'aa utaala'aa weeddisan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne, deebiillee hin arganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre korma isaaniif kenname san qalanee qopheessanee, ganamaa haga saatii jaatitti waaqa Ba'aalii waammatane; isaan, «Ba'aal nuu dhage'i» jedhaa iyyane; adaala addee ciinca'aa ta ijaarane sanii cinaa maraa sirbane malee, deebiin hin jirtu; ka isaaniif deebii kennelle hin jiru.