1 Kings 18:36 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgala yoi sorio baasani gahe jennaani Eliyaani fulla sorio irati qalani suniti d'iaate Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO, Waaqa Abrahamutifi ka Isaaqotifi ka Yakobo, arra ha beekhani aka atini d'uguma Waaqa Israeli, ammalle aka anini hojattuuni tante waan kana ch'ufa jecha kanke gula tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan ciincaan galgala ciinceessan dhiyaate raattichi Eeliyaas itti dhiyaatee «Yaa Waaqa Abrahaamii! Waaqa Yisaaqii! Waaqa Israa'elii! akka ati Waaqa Israa'elii taate, akka anillee garbicha kee ta'e waan kanniin maraa akka maqaa keetiin godhe adha haa mudhatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ciincaa galgalaa, raagichi Eliyaas gara addee ciinca'aa dhikaatee, «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii, ati Waaqa Israa'elii akka teete, anille tajaajilaa keeti akka te'e, waan kana mara ajaja keetiin akka godhe, adha akka beekkamu godhi.