1 Kings 19:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Gadibai me, gaara gubba na dura eji. Jennaani AABBO Waaqi d'aatu isaa dabre, bubbe jabdu gaara ch'ach'absite d'akha fafalansitu gadi buuse — ammo AABBO Waaqi bubbe suni keesa injiru. Bubbeeni taani dabarte jennaani lafti chochote — ammo AABBO Waaqi chochoiti lafa suni keesale injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Eeliyaasiin «Hulee jirtuu ka'ii qaccee gaaraa irra na afoo dhaabadhu» jedheen; achiin maayessa Rabbi isa biraan lufee bubbee jabaa ergee dhagaa babbaqassee caccabse; garuu Rabbi bubbee san keessa hin jiru; haga bubbeen sun dhaabate lafti hin raafamte, Rabbi garuu raafama lafaa san keessa hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho'a lafaa san keessa hin jiruuyyu.