1 Kings 19:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, AABBO Waaqa gudda, anini haguma duriti siuma ch'alla hojad'a, ammo worri Israeli wold'aqisa duri sii woliini tolfate ch'abse, fulla sorio irati si baasani balleese, raagoota tante ch'ufa fit'e. Nami hafe naa ch'alla, anale amma ijeesu fed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeliyaasillee «Ani Rabbii waaqa banii maraatii guddisee hinaafeera; ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan waan dhiisaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif, waan raattota tee guraade'een fixaniif, isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan garuu na ajjeesuu barbaadan» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe.