1 Kings 2:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yoabuni dubbi suni d'agaye; inni duri goli Absalomu tau dide, ammo eege goli Adonia tahe. Tanaafi inni Waaro Woyyumati d'eete gaafa waan mesa fakaata kaani qabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Oduun kun Iyyoo'aabiin gaye; Iyyoo'aab Adooniyaasiin faana deeme malee Abeseloomiin faanaa hin deemne; Iyyoo'aab gara daasee Rabbii dheessee buuchoo ciinca'aa qabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yo'aab, ka yaada Abiishaalomii didee, yaada Adoniya'aa qarqaare, oduu tana yennaa dhage'e, sodaatee gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate.