1 Kings 2:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan tokoti jira — waan Yoabuni gaafa inni worra gugurda lamaani askarti Israeli, Abineri ilma Neritifi Amasa ilma Yetheri ijeese na tolche, imbeeta. Ammalle aka inni bara lafti nagaya worra fit'e, akasiini haalo worra duri woraana keesati fit'ani baafate imbeeta. Inni nama woma iyyakini fit'e, wollaali suni amma gubba tiyya tahe na t'ureese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati waan ilmi Tsuuriya'aa Iyyoo'aab ajajoota jajjabaa Israa'elii lamaan, ilma Neerii Abineerii fi Amesaayii ilma Yooteruunii ajjeesee hin beetta; dhiiga hennaa lolaa jigeef, haluu bayu'uuf isaan ajjeesee sabbata ufiitii fi kophee ufiititti dhiiga akka dibe hin beetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab, ajajjoota loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ilma Yeterii Amaasaa akka ijjeese, analle waan inni godhe atinuu hin beetta; inni adoo lolli hin jiraatin, yennaa nageyaa keessa isaan ijjeesee, dhiiga isaanii qabattoo hidha ifiitii fi kophee miila ifiititti akka dibe hin beetta.