1 Kings 20:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Benhadadini ka hayyoota goli isaa taani woliini farso waaro keesati d'ugu jiru d'aamsa Ahabu kaani d'agaye jennaani askarti ufi wolti baase aka worri dira suni had'u kurfeese, worrileeni hojuma suni kurfae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wolda'aadeer haga waan kana dhagaye mootota woliin daasee keessatti dhuddoo dhuga'aa ture; inni garboota ufiitiin, «Lolaaf hiriiraa'a» isaaniin jedhe; isaanillee fuulaan gara qachatti'ii laalanii hiriiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Ben-Hadaad, mootota dhibii woliin dunkaanii keessa tee'ee uniisatti adoo jiruu, ergaa Ahaab erge dhage'e; inni namoota ifii qachaa loliisaaf akka qopheeffatanu ajaje; isaanille loliisaaf qopheeffatane.