1 Kings 20:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba duula gudda aka duula qara ka dabsatani kaani baasi, ka fardaafi gaarini fardi hirkisuleeni haguma qara kaani gahu. Yo diida keesati worra Israeli haane maro tana inuma dabsanna. Hayyu Benhadadini ee jed'e mala worra gula bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoota fardaatii fi loltoota konkolaataa fardaa ka haga worra armaan dura dhuman gawu loltoota hedduutii fi farado'oo fi gaarii fardaa haguma ka duraanii qopheessii achiin maayessa worra Israa'elii raasa'atti isaaniin lollee mooyannaa jennaan mootichi Wolda'aadeer waan isaan jedhaniin wolii galee raawwachu'uuf murteesse.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltoota, fardo'oo fi garreettota fardaan harkifamanu haga tanaan qara si duraa dhumatanee bacatanu qopheessi; achiin duuba Israa'eloota dirre'etti lollee hin injifanna» jedhe. Inni isaaniin wolii galee, akkuma isaan jedhane godhe.