1 Kings 20:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Raagi gara Ahabu d'aqe waan jed'eeni, AABBO Waaqi waan jed'u, Waan worri Shamu kunini, inni waaqa diidatiniti waaqa gaareeni male jed'eefi, anini duula worra ka muumme inqamne kana harka keetiti kenne, duuba siifi worri kanke aka anini d'uguma AABBO Waaqa hubattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattichi Rabbii gara mootii Israa'elii dhaqee «Rabbi akkana siin jedha; worri Sooriya'aa Rabbiin keessan waaqa gaaraati malee waaqa dhooqaatii miti waan jedhaniif loltoota baay'ee kanniin maraa akka mooyattu si taasisa; anillee akka Rabbiin ta'e atii fi baniin keellee hin beettan jedhiin» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Sooriya'aa: Mootiin Waan Maraa waaqa koobotaa ti malee, waaqa dhooqotaatii moti waan naan jedhaneef ani loltoota isaanii bindillaa harka keetitti dabarsee hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedheen.