1 Kings 20:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ka hafeleeni baqate, dira Afeki duude, d'akhaani marsani dira sunini jaarani worrati jige nama kuma diddami torba hobaase. Benhadadileeni baqate, dira seene, mana toko keesati d'okhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa worri du'a jalaa hafe gara qachaa Yaafeeqiititti baqatan; achitti loltoota laakkobsi isaanii haga kuma diddamii torbaa gawu dalloofni qachattii sanii isaan irratti jigee dhuman; Wolda'aadeer dheessee gara qachatti'ii galee mana tokko keessa seenee gara duubaatitti dhokate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri hafe gara qachaa Afeqii baqate; achitti dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa isaan irratti jigee, namoota kuma diddamii torba fixe. Ben-Hadaad gara qacha'aa baqatee, kolloo mana tokkoo ta gara keessaa keessatti dhokate.