1 Kings 20:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattuuni Benhadadi ta qara dubbi dansa isa iraa eeguti jirtu aka inni oboleesa kiyya jed'u d'ageete jennaani, dubbi suni maachite, waan jette, Ee d'uguma, inni oboleesa keeti! Ahabuni waan jed'eeni, Beena, natiini koota. Benhadadini d'ufe jennaani Ahabuni gaari ufi yaabachiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goshoonni mooticha Wolda'aadeerii waan dhaamsa araaraa eega'aaraniif Aki'aabi hennaa inni obboleessa kiyya jedhu dhagayan; yoma san afaanuma isaa irratti «Akkuma ati jette Wolda'aadeer dhugamaan obboleessa keeti» jedhaniin; Aki'aabi «Gara kiyya as fidaa'a» isaaniin jedhe; haga Wolda'aadeer gara isaa dhufe Aki'aabi gaarii fardaa irra akka ol bayee taa'u waame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltoti Ben-hadaadii, Ahaab irraa beessisa mararti'ii eegatiisatti waan jiranuuf, yennuma san, «Eeti'i; Ben-hadaad obboleessuma keeti!» jedhane. Achiin duuba mootichi Ahaab, «Dhaqa'aatii Ben-hadaad fida'a» jedhee isaan ajaje; yennaa Ben-hadaad bayee gara mootichaa dhufe, mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra teessise.