1 Kings 20:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Benhadadini waan jed'eeni, Dira duri abbaani kiyya abba kanke iraa fuud'e ch'ufa si deebise, atileeni akuma abbaani kiyya dira Samaria keesa Gabaya tolfate, atileeni Damaski keesa gabaya tolfad'i. Ahabuni waan jed'eeni, Maro atini akana jetteefi, anini si gad'iisa. Duuba worri akanaani wold'aqe, inni isa gad'iise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wolda'aadeer mootichaan, «Qachoota abbaan kiyya abbee irraa fudhate sii deebisa; akkuma Samaariyaa keessatti gabayaa dhaabe atillee qachaa Damaasqo'oo keessatti gabayaa dhaabda» jedheen. Aki'aabillee deebisee «Anillee waan kana irratti waadaa siif gala» jedhee waadaa wolii galanii akkanumaan gad isa dhiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ben-hadaad, Ahaabiin, «Qachoota abbaan kiyya abbaa keeti irraa fudhate, ani si'iif hin deebisa; akkuma abbaan kiyya qachaa Samaariya'aa keessatti godhe, atille qachaa Damaasqo'oo keessatti addee dikko'oo hin qabaatta» jedhe. Ahaab deebisee, «Yoona wol gondoorree gad si hin lakkisa» jedheen; maarre inni isa woliin wol gondooranee gad isa lakkise.