1 Kings 20:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni worra qoonqo Benhadaditini d'ufeeni waan jed'e, waan hayyichaani jettani, Dubbi qara taani la ee jed'e, ammo ta eege tana indandau. Jennaani worri kaani kae yae, ammalle qonqo
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu inni ergamtoota Wolda'aadeeriitiin «Mootii gooftaa kiyyaan waan ati ana garbicha keetitti ergite maraa hin raawwadha, kana garuu sii raawwachuu hin danda'u jedha'aatii isatti himaa'a» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee akkuma inni isaaniin jedhe deebi'anii isatti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre mootichi Ahaab namoota Ben-Hadaad biraa ergamanee dhufaneen, «Goottaa kiyya mootichaan, ‹Ani tajaajilaan keeti waan ati qara na gaafatte mara hin muummessa; gaaffii teeti ta lammeesso'oo tana ammoo hin muummessu jedheera› jedha'aatii hima'a» jedhe. Namooti ergamanelle deebi'anee deebii Ahaab kenne Ben-Hadaaditti himane.