1 Kings 22:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi Shamu qara waan nama sodomi lama ka askarti isaa ta gaari fardi hirkisuti matatiini jed'e, Hayyu Israeli male, nama d'ibi tokole inhad'ina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin biyya Sooriya'aa bulchoota worra gaarii fardaa oofan soddomii lamaanuu «Mootii Israa'elii malee nama diqqa'aa fi gudda'aanille yoo ta'e eennuunuu wol hin lolinaa'a» jedhee isaan ajajee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Sooriya'aa ammoo ajajjoota loltoota ifii ta garreettaa fardaan harkifamuu soddomii lama ajajee, «Mooticha Israa'elii malee, diqqa'aa fi guddaa tokkolle hin lolina'a» jedhe.