1 Kings 22:39 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan hayyu Ahabuni tolche, mana ilka arbaatini ch'okhani ka inni jaareefi dira inni jaare ch'ufa kitaaba Odu Hayyoota Israeli keesati t'aafaniti t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti mootichi Aki'aab bara ufii bulche keessatti hojjate maruu, manni inni ilkaan Arbaatiin ijaare, qachoonni inni ijaare maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni dhibiin ta mootichi Ahaab bara mootummaa ifii godhe, wonni inni huje marti, manni isaa ka mootumma'aa ka inni ilka arbaatiin seesee ijaaree fi qachooti inni ijaare marti kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.