1 Kings 3:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini dubra hayyicha Misiri fuud'e akasiini isaani wold'aqani. Inni isii dira Dauditini d'ufe achi teesise, haga inni mana ufitifi Mana AABBO Waaqatifi Yerusalemule d'akhaani marse jaaruuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Solomoon intala mooticha biyya Misirii fuudhee soddoome; mana ufiitii fi mana Rabbii dallawa naannaya Yerusaalemii jirtu ijaaree haga fixuuf gara qachaa Daawitii isii fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon intala mooticha Gibxi'ii fuudhee isa woliin firoome; inni mana mootummaa ifiitii fi Galma Mootii Waan Maraa ijaaree haga fixutti, Yerusaalemitti dalleya marsee ijaaree haga fixutti, qachaa Daawitii keessa isii keye.