1 Kings 3:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani niitiini haad'a daima suni aka male daima sunii naate, waan hayyuuni jette, Ee hayyicha, daima kana inijeesiini, isii kenni. Ammo niitiini taani waan jetteeni, Nuu tokole inkennini, gargari kuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haati daa'ima lubbu'uun jiruu waan daa'imni garaa isii nyaateef, «Gooftaa kiyya! daa'ima akkuma jiruun isi'ii kenni malee hin ajjeesin!» jettee mootichatti dubbatte. Haati daa'ima du'ee garuu, «Addaan nuu haa muranii malee kiyyallee hin ta'in; keellee hin ta'in!» jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartittiin annuu isi'ii lubbu'uun jiru ammoo annuu ifiitiif naatee, «Maganne'e mooticha kiyya, annuu jiru isi'iif kenni malee, hin ijjeesin» jette. Dubartittiin tuun ammoo, «Anaa fi isiille'eef hin kennin; addee lamatti gargar baqaffamuu ti» jette.