1 Kings 3:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini waan jed'eeni, Atini duri hojattu tante abba kiyya Daudi guddo jaalate, innileeni guddo sii saalfate d'ugaafi qajeelumani si jala deeme. Atinileeni akasuma isaa naate, ilma arra fulla isaa lafa mohatu isaa kennite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Solomoon Rabbiin, «Akkuma abbaan kiyya Daawiti dhugaa, qajeellumma'aa fi gara laafumma'aan si woliin jiraate ati garbicha kee abbaa kiyya Daawitii waan mishaa gooteerta; akka adha ta'e kana ilma teessoo mootummaa isaa irra taa'u kenniteefii arjummaa guddaa gooteertaaf;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma'aan, balchumma'aa fi qajeelumma'aan si dura waan deddeebi'eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee'u isaaf kenniteerta.