1 Kings 3:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma qalbi anini gumi tante tanaani d'uga gula fidu naa kenni, aka anini waan dansaafi hamtu gargari beekhu. Yo atini qalbi naa inkennini, anini akami dandae gumi tana fida?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akka banii keetii murtii qajeelaa kennuu danda'u, akka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasuu danda'u ana garbicha keetii qalbii hubattu kenni; yoo kana hin taane banii guddaa hagana gawu irratti eentu murteessuu danda'a?» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu'uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti'ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te'in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.