1 Kings 4:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Geberi ilma Uri: arda Gileadi, ka duri Sioni hayyu Amoritifi Ogu hayyu Bashani fidani, worra kud'ani lama kana male nama d'ibi toko jira ka arda suni ch'ufati mata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Geebaar ilmi Uurii biyya Gala'aadii, biyya Aagii, mootummaa gosa worra Amoorotaa ka mootiin Seewoonii fi Baasaan bulchan. Bulchaa namoota biyya bulchan kanniin namni tooyatu biyya maraa keessatti bulchaa ol'aanaa kanniin maraa tooyatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilma Urii Geber ka kutaa biyya Giil'aadii lafa duri Sihooniin mootii Amoorotaatii fi mootiin Baashaanii Oog bulchaa turane bulche. Lafa duudii ka bulche bulchaan dhibiin tokko jiraayyu.