1 Kings 4:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini nama lafa suni ta haga galaana Efratiti ejite lafa Filistitifi seera lafa Misiriti ejitu fide. Worri damoosa isaa baase haga inni jiru ch'ufa isa jalati bule.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootummaan Solomoonii laga Efraaxisii bulchiinsa Filisxeemii irraa jalqabee achi lufee haga daangaa biyya Misirii jiru maraa bulcha; biyyi kun maruu isa gabbaran; bara jiraatan maraa Solomooniin jalatti bulan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisiitiin jalqabee, haga lafa Filisxeemotaatii fi haga meessaa biyya Gibxi'ii duudii bulche; kolbaan biyya sanii duudiin isa gabbaraa, bara jiruu isaa duudii isa tajaajilte.