1 Kings 4:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini lafa galaana Efratini ila adu ch'ufa fide, haga Tipsa fuud'e Gazati d'aabe. Hayyooti galaana Efratini ila adu ch'ufti isa jalati bulte, ammalle inni lafa d'aatu isale ch'ufa nagayaani woliini tae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Solomoon mootota laga Efraaxisiitiin gamana jiranii fi biyya laga gama jiran maraa Tifisa'aa haga Gaaza'aa maraa bulcha'aa ture; naannoon inni bulchu maruu nagaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu, qachaa Tiifsaahii irraa haga Gaaza'aatitti jirtuu fi mootota achi keessa jirtu mara bulche; inni biyyoota ollaa ifii wolille'een nageya qabaayyu.