1 Kings 4:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kud'ani lama ka arda lafa Israeliti mata, ka worri namu jia iti heregani gula Solomonifi nama worra isaa keesati golofatu ch'ufa sagale kennufi, waan sooratani ch'ufa worrumati hojja ch'ufa d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni godina kudha lamaa bulchan Solomoonii fi worra mana mootumma'aa keessatti sooramaniif ji'a isaaniif ramadame keessa womaa uduu hin hambifne henna'aan fidaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchitooti kudhanii lama tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a isaaniif qabametti, soorata mootichaa fi worra qorii mootichaa keessaa sooratanuuf barbaachisu, womaa adoo irraa hin dhidhisin dhikeessaniiyyu.