1 Kings 5:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adoramu gudda worraa tolche. Inni worra suni fulla saditi gargari qoode, nama kuma kud'ani jia ch'ufa Lebanoniti erge, ka ira hafe worrati lakisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan irratti nama isaan tooyatu Adooniraamiin muudee inni hojjattoota nama kuma kudhan kudhan godha'aa bakka sadihitti addaan qoodee gareen maruu kore kore'een ji'a tokko Libaanoositti akka hojjatan ji'a lamaa garuu akka mana ufiititti hara baafatan godhee murteesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe.