1 Kings 6:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana suni, garaa isaa ch'ufa keesa hind'eesani mid'aasani d'akha mullachu d'owani ammalle hind'eesa suni gubbati buqefi daraara fakeesani boch'ani ch'okhani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cufanaan muka birbirsa Libaanosii abaaboo dhooyee hin jirree fi abaaboo dhooyeen bareechisee ture; keessa manaa mana muka Libaanosii irraa cufanaa bocamee hojjatameen waan itti maxxanfameef dhagaan manaan ijaarame hin mudhatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Keessi Galma Waaqaa falaxaan muka hindheensaa itti gonfamee, fakkeenna buqqi'iitii fi daraaraa baqeetiin seefameera; falaxaa muka hindheensaa malee, dhakaan tokkoolle hin mudhatuuyyu.