1 Kings 6:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kutaani ch'ufti ta mana jala aanu ballinni isii d'und'uma shani, ka mana jiddu keesa d'und'uma jaa, ka mana gubba aanu d'und'uma torba. Girgidaani mana suni fulla maneeni wolgubbati jaarani taanini akuma wolti aanuni qaqalata aka kutaani maneeni suni girgida mana guddati ejaanjite, utuba taateefi, duuba mani suni utuba d'ibi imbarbaanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Badhinni mana jalaa dalgi isaa ciqilee shan; kutaan wodhakka'aa dalgi isaa jaha; kutaan sadeesso'oo garuu dalgi ciqilee torba; gaariin fardaa akka dallawa mana woyyu'uu hin seenne dallawa mana woyyu'uutiin alatti hulee isaan hara itti baafatan qopheesseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Badhinni mana jalaa ciqilee shan, ka mana mana irratti ijaaramee ka wodhakka'aa ciqilee jaa, ka mana mana irratti ijaarame ka sadeesso'oo ciqilee torba. Muki tokkolle ijaarsa Galma Waaqaa uree akka hin seenneef, gara duubaatiin itti marsee, kaabii ijaare.