1 Kings 7:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani isaleeni gaafa jiru, nama Tiro, innileeni duri hogeesa sibiila diima tumu; haati isaleeni gosa Naftaliti. Huramuni nama qalbi qabu, ka guddo hogeesati. Inni yaamicha Solomoni d'ageennaani d'ufe huji isaa kennani suni ch'ufa guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
inni ilma intala gosa Niftaalemii abbaa manaa hin qabneeti; abbaan isaa nama qachaa Xiroosii ka sibiila bassu; akka hujii sibiilaa hojjatuuf ogumma'aa fi mala qaba; akkuma Solomoon waameen dhufee hujii sibiila diima'aa maraa hojjate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haati Hiiraamii haadha hiyyeessaa ti; isiin gosa Niftaalemii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii, ogeessa sageettu'uu ti. Hiiraam hujii sageettu'uu mara hujiisaan qarumma'aan, hubanti'ii fi beekkumsa gudda'aan nama guutameeru; inni gara Solomoonii mootichaa dhufee, hujii isaaf kennante mara huje.