1 Kings 7:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana isaa suni, ka Mana Badda Lebanoni jed'ani, d'eerinni isaa d'und'uma d'ibba toko, ballinni shantama, old'eerinni sodoma. Utubani mana suni afurtami shani ka fulla sadi ch'ororsani, kud'ani shanishanini d'ad'abani, isaafi dareerani isaaleeni ch'ufti mukha hind'eesa. Mana sunile hind'eesani kabani duuchani, ammalle kabani suni kuta keesati hind'eesani kabani duuchani, ammalle kabani suni kuta keesati woi olnaqani ta utubani jabeesanile geeti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Galmi mana, «Muka Libaanosii» jedhamee waamamu ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa; badhinni ciqilee shantamaa, hojjaa isaallee ciqilee soddoma godhe; munni birbirsaa utubaa roga sadihiin hojjatame irra dhaabatee ture; utubaa irra muka birbirsaatitu konkolaataa fardaa irra dalga taa'ee ture;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu, ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, badhinni isaa ciqilee shantamaatii fi hojjaan isaa ciqilee soddomaa ijaare; manni mootumma'aa kun utuboota hindheensaa ka tarree afuritti dhaabbatee, buusaa hindheensaa utubeeru qabaayyu.