1 Kings 7:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti aka gaari suni ch'ufti miila afuri, qabdi; miila suni jiddu sibiila dadagalchani naqaniti jira ka sibiila diimani mid'aasani gama gaari suni afraanu waan qorini ira ejituti jira; wonti isiini ira ejitu suni ch'ufti waan mimich'irani raraasani iti naqanini ch'okhani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Teessoo isaa irra waan lafa irra konkolaatu afur qaban; kunniin waan isa lafa irra gangalachiisu qaba; akkasuma roga arfaniinuu waan gabatee irratti dhiqatan irkisutu jira; ka irkisu sunillee akka bifa abaaboo tuuchamee hidhameetitti bareechifameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu.