1 Kings 7:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaari suni gubba marsani mid'aasani jaarani waan aka qori suni gubba d'aabani. Wonti marsani jaaranini suni gaari suni ira d'und'uma toko olbaati. Ammalle d'und'uma tokofi taaku toko gaari suni ira gadi buuti. Ammalle d'aatu isaa tana ch'ufa boch'ani barreesani mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mormi gongaa harka irratti dhiqatanii dheerinni isaa ciqilee tokko; mormi isaa akka korbobbo'ooti; hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; morma isaa irra waan qiinxamee bareede qaba; gongaan irra taa'u roga afur qaba malee korbobbo'oo miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba.