1 Kings 7:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Miili gaari suni, d'eerinni isaa d'und'uma tokofi taaku toko; miili suni sibiila balla dirirsani kaani jala jira, ammalle sibiili dadagalchani ka miila suni jiddu jiruleeni gaarini wolti taka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Korbobboon lafa irra gangalatu arfanuu waan meeshaa irra kaayan jala jira; sibiilli korbobboo san akka gangalatu godhu teessoo hojjatameen wol fakkeeffamee ka hojjatame; hojjaan korbobboo gangalatuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.