1 Kings 8:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Solomonini jaarole Israeli, ta mata gosa ch'ufa, Yerusalemuti ufiti yaame, aka Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa, dira Daudi, ka Sioni jed'ani, fuud'ani, Mana Waaqatini d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa mootichi Solomoon saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitii keessaa haa baasani'iif manguddoota Israa'eliitii fi worra gosa bulchan, abboota murti'ii ka abboota ijoollee Israa'elii bulchan mootichi Solomoon hulee ufii jiru Yerusaalemitti wolitti isaan qabe;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Solomoon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii Xiyoon keessaa akka fidanuuf, jaarsolee Israa'elii, sooressitoota gosa Israa'elii maraa fi qondaaltota fira Israa'elii Yerusaalemitti gara ifii waansise.