1 Kings 9:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Hayyuuni Misiri qara dira Gezeri had'e gube balleese, nama isaa ch'ufa fit'e. Duuba eege, inni dira suni intala isaati kenne, gaafa Solomonini isii fuud'e. Jennaani Solomoni eege jaare.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Armaan dura mootiin biyya Misirii biyya Geezeerii irratti balaa buusee worra Kana'aanii ka isii keessa jiran ajjeesee, qachattiillee gubee uf jalatti deebisee ture; achiin maayessa mucattii ufii Solomoonitti heerumsiisee qachaa Geezeerii jalkaaya godhee kenneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi biyya Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gezerii lolee qabate; inni qachaa san gubee, Kana'aanota achi keessa le'anu fixee, qachaa san intala ifii ta mootichi Solomoon fuudheef gicaa kenne.