1 Kings 9:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan isaani jed'e, Anini kad'acha atini na kad'ate ya d'agaye. Anini Mana atini naa jaarte kana la eebise, aka inni fulla keesati na kad'atani tahu haga jiru jireenna. Anini isa haga jiru jireenna jabeesa eega.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Solomooniin, «Kadhaa ati na kadhattee fi faatee keellee dhagayeera; maqaan kiyya baraa haga bara baraa akka achitti waamamuuf mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji tiyyaa fi yaanni kiyya hennaa maraa achuma ta'a» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni isaan, «Ani daadimataa fi gaaffii ati na gaafatte dhage'eera; Galma haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf, ati ijaarte kana woyyoonseera; ani yennaa mara gara isaa hin ilaala; waan isaalle hin yaada.