1 Peter 1:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi ya raagootati mullise, aka hujiini worri hojate worra inqarqaarre, ammo isani qarqaartu, ato worri d'uga isani amma d'ageetani tana dubbatu. Ergattu Odu Dansa, ta jabeenna Lubbu Qulqullo, ta gubbaa gadi erganiini dubbateti waan kana isaniti hime. D'uga tana malaikaleeni sila barachu feeti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka hujjiin warrii hojjate adoo warrii dhugaa amma isan dhageettan tana dubbatellee warra hinqarqaartuu, ammoo isan qarqaartuu Waaqii ya raagootaatti mullise. Ergamtoota oduu dansaa, ta jabeenna Hafuura Qulqulloo, ta gubbaa gad erganiin dubbateetti waan kana isaniitti hime. Dhugaa tana ergamtootii gubbaalleen silaa barachuu feeti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Dubbii Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka uf hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Oduu Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka ufi hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
nabiyyoonni kunniin'llee ni tajaajilan ka turan isin malee mataa isaanii akka hin turin isaaniif ibisamee jira, ka isin tajaajilan'llee sami'ii ka ergame karaa Hafuura Qulqullu'uutii ka amma namoonni wongeela isinitti himan dubbatan ibisu'uun ture, waan kana maleyikkoonn'llee argu'uuf ni hawwan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.