1 Peter 1:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru “Abbaa” jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo Waaqa, ka nama cufa ila tokkoon laalee, waan innii tolche gula itti muru kadhattani, “Aabboo” jettaniin; haga lafa tana irra jirtan akka keessumaa taatanii isa sodaachuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eennuuf'llee uduu hin dalin tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ka murtteessu, Waaqa «Abbaa keenna» jettanii ka waamittaniin eega ta'e, biyya lafaa kanatti keesumumma'aan galttoota taatanii yoo jiraattan, isa sodaachu'uun jiraadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a.